gram news
Аватар канала ABDII SABAA

ABDII SABAA

@abdii_sabaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

ПроектыEN

597,848подписчиков

Открыть канал

Последние посты

  • ABDII SABAA pinned «DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e? Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii…»

    19 окт., 06:23

  • ABDII SABAA

    18 окт., 07:04

    Abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen daldalaa Oromoos, miidiyaa saba keessanii isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana beeksisa keessaniin cinaa dhaabbachuun dirqama seenaa fi ogummaa ba'aa. Hamileen keenya deebi'ee kan ijaaramu afaaniin "jajjabaadhaa" nuun jechuun osoo hin taane, gaafa isin miidiyaa keessan kanaaf waardiyyaa dhaabbattanii gara Miiliyoonotaatti ol kaastan qofadha!SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!MIIDIYAA @ABDII_SABAA
    56,3001,35023549493330Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    18 окт., 07:04

    DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e?Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii cimaa keessa taanee dhaadannoo kana madaallii sammuu fi dhugaa lafa jiruun xiinxaluuf dirqamneerra. Sabni tokko lakkoofsa uummataatiin qofa "guddaa" jedhamee waamamuu danda'a; garuu guddina dhugaa fi kabaja kan argatu gaafa dhaabbilee ofii ijaare, gaafa miidiyaa ofii tikfate, fi gaafa nama isaaf dadhabuuf gatii laate qofadha. Afaaniin "nuti saba guddaadha" jechaa, gochaan garuu wanta guddaa of harkaa qaban xiqqeessuu fi diiguun of-gowwoomsuu malee guddina hin ta'u.Mee dhugaa jiru herregaa fi ragaa qabatamaadhaan haa ilaallu. Miidiyaan Abdii Sabaa chaanaalii Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa irra jiru qofa miti; chaanaalota Telegiraamaa guutuu Itoophiyaa keessatti afaan kamiinuu hojjetan kumaatamaan lakkaa'aman keessaa sadarkaa 2ffaa irra kan jiruudha. Afaan Oromootiin hojjechaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa ta'uun maal jechuudha? Humna, dandeettii ogummaa, saffisa oduu, xiinxala bilchaataa fi hirriba dhabuu waggoota hedduu gaafate. Osoo nuti beekumsaa fi humna hanga kana ga'u kana gaafa jalqabaa Afaan Amaaraatiin hojjennee turree, silaa waggaa lama dura hordoftoota Miiliyoona 1 (1,000,000) darbinee, har'a miiliyoona lama geenyee jirra. Osoo afaan biraa filanneerra ta'ee, dhaabbileen daldalaa fi baankonni biyya kanaa hiriiranii maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu nuuf kaffalu turan.Nuti garuu maallaqa salphaatti argamuu fi karaa laafaa sana dhiisnee, aarsaa guddaa kaffaluuf murteessine. Sabni keenya odeeffannoo qulqulluu fi saffisaa afaan dhalootaa isaatiin akka argatu, barattoonni yuunivarsiitii keessatti bishaanii fi nyaata dhabanii rakkatan sagalee akka argatan, akkasumas Afaan Oromoo sadarkaa teeknooloojii fi miidiyaa biyyaatti dorgomaa akka ta'uuf jecha dantaa dhuunfaa keenya aarsaa goone. Garuu aarsaa kana hunda kaffallee, miidiyaa Afaan Oromoo guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra kaa'ee, mindaan ykn gatiin nuti hawaasa keenyaa fi abbootii qabeenyaa keenya irraa argachaa jirru maali? Deebiin isaa kan nama qaanessuu fi kan garaa nama gubudha.Gama diinagdeetiin yoo ilaalle, miidiyaan kamiyyuu qilleensa nyaatee hin jiraatu. Addunyaa kana irratti miidiyaan kan jiraatuu fi kan guddatu galii beeksisa (advertisement) irraa argamuuni. Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen daldalaa, fi kaampaanonni Oromoo maallaqa uummata Oromoo irraa walitti qabatu; gaafa beeksisa baafachuu barbaadan garuu chaanaalota Afaan Amaaraa kanneen hordoftoota kuma shantama ykn dhibba tokko qaban, kanneen sadarkaa keenya irraa kumaatamaan gadi jiranitti fiiganii maallaqa kumoota dhibbaan lakkaa'amu dhangalaasu. Miidiyaa Afaan Oromoo isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru, kan hordoftoota 600,000 qabu kana garuu akka waan inni hin jirreetti bira darbu. Sabni biraa miidiyaa afaan isaa beeksisaan сореessee (badhaasee) guddisa; kan keenya garuu miidiyaa afaan isaa beelaan ajjeesee kan ormaa soora, waliin dalaguuf namoota miidiyaan keenya gaafatullee "Koominitiin Afaan Oromoo bu'aa hin qabu" nuun jedhu:. Lojikiin (madaalliin) sammuu kun eessaa dhufe?Dhimmi beeksisaa fi abbootii qabeenyaa akkuma jirutti ta'ee, wanti hunda caalaa sammuu namaa cabsuu fi abdii nama kutachiisu amala hordoftoota keenya irratti mul'atudha. Chaanaalii guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana hordoftoota 500,000 irraa gara 600,000tti ceesisuuf qofa waggaa sadii ol nutti fudhate. Waggaa sadii guutuu halkanii fi guyyaa osoo boqonnaa hin fudhatin hojjechaa, maaliif lakkoofsi keenya iddoo tokkotti hidhamee taa'e? Sababiin isaas, yeroo nuti dadhabnee lakkoofsa guddaa tokko (milestone) geenyu, akkuma waan guddinni keenya madaa itti ta'eetti duulli "chaanaalii keessaa ba'uu" (leave gochuu) ni jalqaba. Gaafa 500,000, 400,000, 300,000 geenye, akkasuma nu godhan. Amma immoo torbee tokko dura 600,000 guunnee
    56,1001,00010154383423Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    17 окт., 11:28изменён

    Obbo Lammaan Dhuguma Du’anii: Oduun "Obbo Lammaan Boqotaniiru" Jedhuun Miidiyaa Hawaasaa Irratti Faca'e Soba Ta'uun Mirkanaa'eMagaalaa Finfinneetti waggoota dheeraaf obsaa fi kutannoo addaatiin jaalallee isaanii eeguudhaan kan beekaman Obbo Lammaan "lubbuun isaanii darbeera" jedhamuun har'a miidiyaalee hawaasaa irratti oduun bal'inaan faca'aa ture guutummaatti soba ta'uun ibsame. Obbo Lammaan yeroo ammaa kana fayyaa guutuu fi nageenya gaarii irra kan jiran yoo ta'u, oduun du'a isaanii ilaalchisee tamsaafame hundee kan hin qabnee fi odeeffannoo dogoggoraa ta'uun mirkanaa'eera.Namoonni dhugaa jiru qulqulleessuu dhiisuun xiyyeeffannoo dhuunfaa argachuuf jecha oduu sobaa akkanaa qindeessanii tamsaasan hawaasa keessatti sodaa fi burjaajii uumaa waan jiraniif, gochi akkanaa fudhatama kan hin qabne ta'uun eerameera. Kanaafuu, ogeeyyiin miidiyaa fi lammiileen odeeffannoo kamiyyuu qooduun dura madda amanamaa irraa mirkaneeffachuu akka qaban hubachiifameera.SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!MIIDIYAA @ABDII_SABAA
    64,7006148930221818Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    17 окт., 08:58

    Itoophiyaa fi Eertiraan Mooskootti Marii Araaraa Gaggeessuuf Jedhame; Raashiyaan Waltajjii Mijeessuuf Qophii Ta'uu Beeksiste Mootummaan Raashiyaa muddamaa fi walitti bu'iinsa biyyoota ollaa lamaan, Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumameef furmaata waloo
    59,300видео25136118Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    17 окт., 06:13

    ODUU AMMEE: Naannoo Tigraayitti Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Hundeeffamuun Hooggantoonni Haaraan Muudaman Murtee Manni Maree Federeeshinii dabarse bu'uura godhachuun, Mootummaan Federaalaa ji'oota ja'an (6) itti aananiif naannoo Tigraay kan bulchu
    59,700230114582095Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    16 окт., 17:58

    Eeyyee, 100% dhuguma ni kaffala! Bilbiluma keessaniin hojjedhaa, maallaqa keessan battalumatti karaa Telebirr baafadhaa! 📱💸Carraa kana of hin dabarsinaa, ammuma liinkii gadii tuquun jalqabaa 👇 🤖 https://t.me/asbeksbot?startapp=invite_WNIAVX5DWT⚡️ @AsbeksPlatform
    59,600135282518107Открыть в Telegram
  • ABDII SABAA

    16 окт., 14:51

    Iiloon Maask Konkolaataa Elektirikii Qilleensa Irra Balali'uu Danda'u Ifa TaasisanHoji-raawwachiisaan Olaanaa dhaabbata Teeslaa (Tesla) Iiloon Maask, giddugala yaalii 'SpaceX' kan kutaa Teeksaasitti argamu keessatti konkolaataa elektirikii haaraa "qilleensa irra balali'uu danda'a" jedhan ifoomsaniiru. Konkolaataan ispoortii namoota lama fe'uu fi 'Teeslaa Roodistar' jedhamee moggaafame kun, tumsa dhaabbata konkolaataa elektirikii Teeslaa fi teeknooloojii rokkeettii 'SpaceX'tiin kan hojjetame yoo ta'u, humna furguggisaa gosa rokkeettiitiin kan deeggaramu ta'uu Iiloon Maask ibsaniiru. Konkolaataan dinqisiisaan kun sekondii tokko gadi (sekondii 0.8) keessatti saffisa isaa sa'aatiitti kiiloo meetira 0 irraa gara 97'tti guddisuu kan danda'udha.Konkolaataan kun teeknooloojii dhiibbaa qilleensaa olaanaa fi qilleensa cuunfamee ba'u fayyadamuudhaan qaama isaa gara gadiitti garagalchuun imaluu, iddoo olka'aa irraa utaalee qilleensa irra turuu, lafa irraa ol ka'ee qilleensa irratti rarra'uu (bololi'uu), akkasumas qilleensa irratti naanna'uu, garagaluu fi kallattii isaa jijjiiruu dandeettii dandeessisu qaba jedhameera. Yeroo yaaliin kun gaggeeffametti sodaa balaa uumamuu danda'u hir'isuu fi nageenya namootaa eeguuf jecha, yaaliin kun guutummaatti konkolaachisaa malee kan raawwatame ta'uun beekameera. Konkolaataan kun bara 2028 (A.L.A)tti gara oomishaatti akka galu Iiloon Maask kan eeran yoo ta'u, ogeeyyiin damee kanaa garuu teeknooloojii rokkeettii fi konkolaataa walitti makuun fageenya dheeraaf qilleensa irra balaliisisuun qabatamaan qormaata teeknikaa cimaa akka qabaatu akeekaniiru.SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!MIIDIYAA @ABDII_SABAA
    63,900видео3593527151313Открыть в Telegram