Последние посты

FMC Afaan Oromoo
22 сент., 16:59
Kitaabni seenaa Jireenyaa fi imala loltummaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeffate ’Dil Qursuu” jedhuu eebbifameFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kitaabni seenaa jireenyaa fi imala loltummaa Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeeffate ‘Dil Qursuu’ jedhuun barreeffame eebbifameera. Sagantaa eebba kitaabicharratti Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xuruunaa, Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantiin duraanii Itiyoophiyaa Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Qondaaltonni Olaanoo…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/kitaabni-seenaa-jireenyaa-fi-imala-loltummaa-fiildi-maarshaal-birhaanuu-juulaa-irratti-xiyyeffate-dil-qursuu-jedhuu-eebbifame/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 14:52
Oomisha qamadii Itiyoophiyaa- Wabii Midhaan Nyaataa Mirkaneessuun OlittiFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Oomishni qamadii jallisii bonaa fi gannaa Itiyoophiyaan waggoota dhiyoo as babal’iste guddina dinagdee fi wabii nyaataa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi utubaa cimaa ta’eera. Ragaaleen Ministeera Qonnaa Itiyoophiyaafi Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO), akkasumas Dhaabbanni Misoomaa fi Qonnaa Ameerikaa (USDA ) gumaacha misooma qamdii ilaalchisee jiru kan mul’isu bu’aan…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/162859-2/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 13:38
Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifame- L/J Asiraat DenneerooFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifameera jedhan Ajajaa Olaanaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Leetenaal Jeneraal Asiraat Denneeroo. Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee, Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaatti Waajjira Kutaa Lallabaa Finfinnee fi Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee waliin ta’uun qophii…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/ayyaanni-daamaraafi-masqalaa-haala-hoaa-taeen-akka-kabajamuuf-qophiin-taasifame-l-j-asiraat-denneeroo/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 12:54
Mikeel Arteettaan waliigaltee Arsenaal waliin qabu haaromsuuf waliigaleFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Leenjisaan kilaba Kaaba Landan Mikeel Arteettaan Arseenaal waliin waliigaltee fooyya’e haaraa mallatteessuuf waliigale. Leenjisaan lammii Ispeen Mikeel Arteettaan waliigalteen kontiraataa Arsenaal waliin qabu dhuma bara dorgommii kana kan xumuramu yoo ta’u, turtii waggoota itti aananiif kilabicha waliin taasisuuf mariin gaggeeffamaa tureera. Waliigaltee haaraan kun turtii hagamii akka qabaatu…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/mikeel-arteettaan-waliigaltee-arsenaal-waliin-qabu-haaromsuuf-waliigale/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 11:58
Qonna gannaan lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyiin uwwifameFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonna gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyii garaagaraan uuwwifameera jedhe Ministerri Qonnaa. Qonna gannaa bara kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 700 fi miiliyoona 30 argachuuf karoorfamuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera. Sadarkaa biyyaalessaatti lafa heektara miiliyoona 22.3 misoomsuuf karoorfamuun hojiittin galamuun eerameera. Sochii qonnaa hanga…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/qonna-gannaan-lafti-heektarri-miiliyoonni-19-6-sanyiin-uwwifame/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 11:20
Milkaa’ina Sagantaa Maaddii GuutuuFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonni Itiyoophiyaa adeemsa oomishaa baratame keessaa bahee imala wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti milkaa’inoota hedduu galmeessisaa jira. Milkaa’inoota damichaan galmaa’an keessaa bara 2015 ifatti kan eegalame Sagantaan Maaddii Guutuu isa tokko. Sagantichi yeroo ammaa fedhii dhiyeessii nyaataa guyya guyyaa guutuurra darbee diinagdee biyyattii deeggaraa jira. Dabalataanis…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/milkaaina-sagantaa-maaddii-guutuu/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 11:11
Irreechi bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 kabajamaFinfinnee, Fulbaana 12,2019 (FMC)- Ayyaanni Irreecha bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise. Gamtaan Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2019 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23, Irreechi Hora Harsadee ammoo Fulbaana 24,2019 kan kabajamu ta’uu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa duudhaafi aadaa isaa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/irreechi-bara-2019-fulbaana-23-fi-24-kabajama/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 10:28изменён
Yaadama Ida’amuu – Bu’uura Olka’iinsa BiyyaaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Akka saayinsii siyaasaa fi dinagdeetti, Ida’amuun qabeenya, humna namaa, beekumsa, dhaabbilee fi carraa jiru walitti fiduun bu’aa waloo tokko uumuu dha. Ida’amuun “walitti dhufuu” ykn “tokkummaa” dha; kaayyoon isaa humnoota adda addaa walitti fiduun badhaadhina fi nageenyaaf hojjechuu dha. Yaadamni Ida’amuu kun qabeenya, beekumsa xabboo fi ammayyaa, carraawwan guddinaa akka…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/yaadama-idaamuu-buuura-olkaiinsa-biyyaa/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 10:27
Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadhaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadha jedhe Ministeerri Bishaaniifi Inarjii. Ministeerichi ibsa baaseen, ilaalchi gita bittaafi abjuun olaantummaa bishaanii Ijipt jaarraa 21ffaa keessatti iddoo kan hin qabne ta’uufi adeemsa boodatti hafaa akka ta’e ibseera. Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee qabeenya uumamaa ishee misoomsuufi fedhii dhaloota itti…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-abbaay-dabalatee-mirgi-qabeenya-uumamaa-ishee-misoomsuuf-qabdu-eegamaadha/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 08:29
Irreecha: waliigaltee biyyaalessaaf! Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Ayyaanni Irreechaa duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, calaqqee eenyummaa fi ulfoo guddaa uummata Oromooti. Mootummaan Naannoo Oromiyaas sirna jabaa kana guddisuuf haaromsa aadaa hojirra oolchaa jiruun aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa bakka isaaf malutti deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoos haala Kabaja…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/162834-2/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 08:18
Ayyaanota dirree guddina waaraa mirkaneessuu KeessattiFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kallattii misoomaa damdaneessa hordofaa kan jirtu Itiyoophiyaan damee tuurizimii jijjiirama dura xiyyeeffannoo gahaa hin argatin utubaalee guddinaa ishee keessaa tokko taasifachuun bu’aawwan mul’atan galmeessisuu dandeesseetti. Dameen tuurizimii guddina irra jiru kun walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu fi maqaa gaarii biyyattii beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kana malees, galmawwan misooma waaraa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/ayyaanota-dirree-guddina-waaraa-mirkaneessuu-keessatti/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 07:05
Damee Albuudaa: Utubaa Haaraa Diinagdee ItiyoophiyaaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Mootummaan Ida’amuu guddina diinagdee biyyaalessaa saffisiisuuf utubaalee ijoo guddina diinagdee biyyaalessaa shan kaa’e keessaa dameen albuudaa isa tokko. Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaa qaqqaaliin badhaate taatus waggoottaniif gumaachi dameen kun diinagdee biyyaaf taasisaa ture baay’ee gadi aanaa ture. Mootummaan Ida’amuu hanqina kana furuuf damee albuudaa irratti fooyya’iinsa caaseffamaa gaggeessuun,…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/damee-albuudaa-utubaa-haaraa-diinagdee-itiyoophiyaa/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 06:32
Jila garee Atileetiksii Itiyoophiyaaf simannaan taasifameFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC)- Jila garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Fiigicha Daandiirraa Deenimaark Kooppanhaaganitti dorgomame irratti hirmaateef simannaan taasifameera. Jilichi wayita Finfinnee gahu Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Koomaandar Atileet Silashii Sihiin dabalatee hoggantoota federeeshinichaa biroon simatamuu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul’isa. Itiyoophiyaan dorgommii shaampiyoonaa Kanaan addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruun ni beekama.https://www.fanamc.com/afaanoromoo/jila-garee-atileetiksii-itiyoophiyaaf-simannaan-taasifame/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 06:30
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Fiinlaand waliin mari’atanFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC)- Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Fiinlaand Aleeksaandar Istaab waliin mari’ataniiru. Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, pireezidaanticha waliin dhimmoota gam-lamee, naannawaa fi gam-hedduu irratti mari’achuu eeraniiru. Marii isaaniin hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf akkasumas fedhiiwwan waloofi dhimmoota naannawaarratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsaniiru.https://www.fanamc.com/afaanoromoo/pireezidaanti-taayyee-atsiqasillaaseen-pireezidaantii-fiinlaand-waliin-mariatan/
FMC Afaan Oromoo
22 сент., 02:59изменён
Ulaa Galaanaa: Gaaffii Seeraa fi DiinagdeeFinfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) — Gaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf kaaste fedhii loojistikii fi geejjibaa qofa osoo hin taane, bu’uura seenaa, seeraa fi diinagdee irratti kan hundaa’eedha. Qorannoo Mootummoota Gamtoomanii (UN) irratti hundaa’uun, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin yoo madaalaman, Omishni Biyyaalessaa Waliigalaa (GDP) isaanii hanga dhibbeentaa 25tti hir’achuu…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/ulaa-galaanaa-gaaffii-seeraa-fi-diinagdee/
FMC Afaan Oromoo
21 сент., 15:19
Qormaatilee keessatti Milkaa’uu- Bu’aa CichoominaaFinfinnee, Fulbaana 11, 2019(FMC) – Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa asi qormaatilee seenessa qeenxee fi hafuura finxaleessummaa bu’uureffachuun mudatan dandamattee guddina addunyaa ajaa’ibsiise galmeessuu dandeessetti. Ragaan dhaabbilee akka IMF, Baankii Addunyaa fi Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (NBE) irraa argamu akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan qormaata dinagdee gooroo, hanqina sharafa alaa, liqaa, qaala’iinsa jireenyaa fi rakkoolee nageenyaan walqabatan keessa jiraattullee, jijjiirama…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/qormaatilee-keessatti-milkaauu-buaa-cichoominaa/
FMC Afaan Oromoo
21 сент., 12:55
Qonni jal'isii bonee, boqonnaa haaraa imala nyaataan of danda'uu keenyaaf bu'uura cimaa ittiin keenyee dha - Dooktar Abiy Ahimad
FMC Afaan Oromoo
21 сент., 12:49
Jecha Gochaan, missiraachowwan labsii GubaaFinfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Qormaatilee mudatan carraatti jijjiiruuf muuxannoo kan qabdu Itiyoophiyaan mul’ata badhaadhinaa ishee bu’uura cimaarratti ijaaraa jirti. Qormaatilee gara carraatti jijjiiruun, gaaffilee misoomaa uummataa sadarkaa sadarkaan deebisuuf Pirojektoota gurguddoo eegalte qulqullinaafi ariitiin xumuruun kutannoo qabatamaa mul’isaa jirti. Carraawwan misoomuu, humna namaa fi beekumsa qindoominaan hogganuun badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruun…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/jecha-gochaan-missiraachowwan-labsii-gubaa/
FMC Afaan Oromoo
21 сент., 11:54
Giraanti Zyaakaan Garee Biyyaalessa Siwiizarlaandi irraa dhorkameFinfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Siwiizarlaandi Giraanti Zyaakaa garicha keessaa dhorkeera. Giraanti Zyaakaan bara Faranjootaa 2022 wayita taphataa Arsenaal ture talaallii Kooviid – 19 fudhadheera jechuun ragaa sobaa dhiyeessuun shakkamee garicha keessaa dhorkamuu ‘The Athletics’ gabaaseera. Dhimmicharratti qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Gareen Kubbaa Miilaa biyyattii dursaa garichaa Giraanti…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/giraanti-zyaakaan-garee-biyyaalessa-siwiizarlaandi-irraa-dhorkame/
FMC Afaan Oromoo
21 сент., 11:41
Imala Sirna Diimokraasii CimsuuFinfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuun hordofee boqonnaa murteessaa mootummaa haaraa hundeessuuf ishee dandeessisu irratti argamti. Adeemsi ce’umsaa diimokraasii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru, sirni dimokraasii bal’aa fi hirmaachisaa ta’e adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti qaama murteessaa ta’uu kan agarsiisudha. Itiyoophiyaan fooyya’iinsa dhaabbilee, adeemsa marii biyyaalessaa hirmaachisaa fi qajeeltoowwan bulchiinsa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/imala-sirna-diimokraasii-cimsuu/
Подписчики пишут боту, вы отвечаете реплаем, ваш аккаунт скрыт. Создаётся в одно касание.
Как это работает →