Latest posts

FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 18:06
Mallattoo Cichoominaa fi Gootummaa; Raayyaa Ittisa Biyyaa ItiyoophiyaaFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Daangaan biyyaa yeroo sarbamu, nageenyi fi jireenyi ummataa yeroo shira diinaatiin qormaata keessa galu, humni guddaan adda durummaan laphee isaa kennee, dhiiga isaa dhangalaasuu fi lubbuu isaa wareeguun biyya dhaabu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaati. Gatiin Raayyaan Ittisa Biyyaa kaffalu faayidaa dhuunfaa ykn kabaja yeroo muraasaaf osoo hin taane, jireenya…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/mallattoo-cichoominaa-fi-gootummaa-raayyaa-ittisa-biyyaa-itiyoophiyaa/


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 17:25
Misoomni magaalaa kabaja jireenyaa jiraattotaa eeguun raawwatamuu qaba — Kantiibaa Adaanech AbeebeeFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Misoomni magaalaa jiraattonni jireenya fooyya’aa fi mijataa akka jiraataniif karaa kabaja jireenyaa isaanii eegeen t raawwatamuu qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee, manneen jireenyaa Kutaa Magaalaa “Qixal Taraa” deebisanii misoomsuun ijaaraman guyyaa har’aa jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru. Jiraattonni balfa, dhoqqee, daandiiwwan dhiphoo fi haala jireenyaa madaalawaa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/misoomni-magaalaa-kabaja-jireenyaa-jiraattotaa-eeguun-raawwatamuu-qaba-kantiibaa-adaanech-abeebee/
1,790Open in Telegram
FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 17:07
Komiishinera Poolisii Naannoo Tigiraay kan turan Meejar Jeneraal Gabiree Adihaanaa Mootummaa Federaalaatti MakamanFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Komiishinera Poolisii Naannoo Tigiraay kan turan, hoogganaan gameessi duraanii ABUT Meejar Jeneraal Gabree Adhaanaa, diinoota seenaa ABUT waliin ta’uun ergama biyya diiguu mormuun gara Mootummaa Federaalaatti makamaniiru. Jeneraalichi Raayyaa Ittisaa keessatti sadarkaa hoggansa olaanaarra tajaajilaa kan turan yoo ta’u, ABUT biyya irratti gocha badii raawwachuu isaa dura, Daayirektoreetii Olaanaa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/komiishinera-poolisii-naannoo-tigiraay-kan-turan-meejar-jeneraal-gabiree-adihaanaa-mootummaa-federaalaatti-makaman/


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 16:46
Baricha keessatti dorgomnee waan nuuf malu argachuuf, tekinooloojiin murteessaadha - Dooktar Abiy Ahimad


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 16:14
Mallattoo Birmaddummaa; Humna Qilleensaa ItiyoophiyaaFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee waggoota 90f birmaddummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabachiisuurratti gahee seena qabeessa bahaa tureera; ammas hojii isaa itti fufeera. Dhaabbatichi yeroo gara garaatti qormaata walxaxaa isa mudate ciminaan keessa darbuun, bu’aa wareegama guddaa kabaja daangaa biyyaafi nageenya uummataaf jecha kaffalee tiksuudhaan, hanga har’aatti gaachana Itiyoophiyaa samii…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/mallattoo-birmaddummaa-humna-qilleensaa-itiyoophiyaa/


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 14:49
Fedhiin Ijipti kolonii Abbayyaa itti fufsiisuuf qabdu akka hin deebinetti xumurameera – Ambaasaaddar Zarihun AbbabbaaFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Fedhiin Ijipti kolonii abbayyaa itti fufsiisuuf qabdu akka hin deebinetti xumurameera jedhan Ministeera Dhimma Alaatti, Daayrekterri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabbaan. Itiyoophiyaan lageen ishee misoomsuun faayyadamuuf eeyyama qaama kamiiyyuu ishee hin barbaachisus jedhan. Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaanonni dafqaa fi maallaqa isaaniin ijaarratan piroojektii haaraa biyyoonni yaa’ichaa qabeenya bishaanii…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/fedhiin-ijipti-kolonii-abbayyaa-itti-fufsiisuuf-qabdu-akka-hin-deebinetti-xumurameera-ambaasaaddar-zarihun-abbabbaa/


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 14:15
Imaanaa nutti kenname amanamummaan, cichoomina jabaa fi qajeelinaan raawwachuun, sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuu fi jijjiirama fiduuf imala eegalle cimsinee itti fufna - Dooktar Abiy Ahim


FMC Afaan Oromoo
23 Sept, 14:00
Itiyoophiyaan teeknooloojii hubannoo nam-tolcheen qabeenya tuurizimii misoomsuuf hojjechaa jirti- Ministeera TuurizimiiFinfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan teeknooloojii hubannoo nam-tolchee fayyadamuun qabeenya tuurizimii misoomsuuf hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan. Salaamaawit Kaasaa guyyaa tuurizimii addunyaa Fulbaana 17, 2019 kabajamu ilaalchisee ibsa kennaniin, teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee fedhii daawwattootaa irratti hundaa’uun odeeffannoo qulqulluufi qindaa’aa qooduun qabeenya tuurizimii beeksisaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaanis teeknooloojii hubannoo…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-teeknooloojii-hubannoo-nam-tolcheen-qabeenya-tuurizimii-misoomsuuf-hojjechaa-jirti-ministeera-tuurizimii/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 16:59
Kitaabni seenaa Jireenyaa fi imala loltummaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeffate ’Dil Qursuu” jedhuu eebbifameFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kitaabni seenaa jireenyaa fi imala loltummaa Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeeffate ‘Dil Qursuu’ jedhuun barreeffame eebbifameera. Sagantaa eebba kitaabicharratti Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xuruunaa, Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantiin duraanii Itiyoophiyaa Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Qondaaltonni Olaanoo…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/kitaabni-seenaa-jireenyaa-fi-imala-loltummaa-fiildi-maarshaal-birhaanuu-juulaa-irratti-xiyyeffate-dil-qursuu-jedhuu-eebbifame/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 14:52
Oomisha qamadii Itiyoophiyaa- Wabii Midhaan Nyaataa Mirkaneessuun OlittiFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Oomishni qamadii jallisii bonaa fi gannaa Itiyoophiyaan waggoota dhiyoo as babal’iste guddina dinagdee fi wabii nyaataa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi utubaa cimaa ta’eera. Ragaaleen Ministeera Qonnaa Itiyoophiyaafi Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO), akkasumas Dhaabbanni Misoomaa fi Qonnaa Ameerikaa (USDA ) gumaacha misooma qamdii ilaalchisee jiru kan mul’isu bu’aan…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/162859-2/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 13:38
Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifame- L/J Asiraat DenneerooFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifameera jedhan Ajajaa Olaanaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Leetenaal Jeneraal Asiraat Denneeroo. Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee, Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaatti Waajjira Kutaa Lallabaa Finfinnee fi Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee waliin ta’uun qophii…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/ayyaanni-daamaraafi-masqalaa-haala-hoaa-taeen-akka-kabajamuuf-qophiin-taasifame-l-j-asiraat-denneeroo/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 12:54
Mikeel Arteettaan waliigaltee Arsenaal waliin qabu haaromsuuf waliigaleFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Leenjisaan kilaba Kaaba Landan Mikeel Arteettaan Arseenaal waliin waliigaltee fooyya’e haaraa mallatteessuuf waliigale. Leenjisaan lammii Ispeen Mikeel Arteettaan waliigalteen kontiraataa Arsenaal waliin qabu dhuma bara dorgommii kana kan xumuramu yoo ta’u, turtii waggoota itti aananiif kilabicha waliin taasisuuf mariin gaggeeffamaa tureera. Waliigaltee haaraan kun turtii hagamii akka qabaatu…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/mikeel-arteettaan-waliigaltee-arsenaal-waliin-qabu-haaromsuuf-waliigale/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 11:58
Qonna gannaan lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyiin uwwifameFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonna gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyii garaagaraan uuwwifameera jedhe Ministerri Qonnaa. Qonna gannaa bara kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 700 fi miiliyoona 30 argachuuf karoorfamuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera. Sadarkaa biyyaalessaatti lafa heektara miiliyoona 22.3 misoomsuuf karoorfamuun hojiittin galamuun eerameera. Sochii qonnaa hanga…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/qonna-gannaan-lafti-heektarri-miiliyoonni-19-6-sanyiin-uwwifame/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 11:20
Milkaa’ina Sagantaa Maaddii GuutuuFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonni Itiyoophiyaa adeemsa oomishaa baratame keessaa bahee imala wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti milkaa’inoota hedduu galmeessisaa jira. Milkaa’inoota damichaan galmaa’an keessaa bara 2015 ifatti kan eegalame Sagantaan Maaddii Guutuu isa tokko. Sagantichi yeroo ammaa fedhii dhiyeessii nyaataa guyya guyyaa guutuurra darbee diinagdee biyyattii deeggaraa jira. Dabalataanis…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/milkaaina-sagantaa-maaddii-guutuu/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 11:11
Irreechi bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 kabajamaFinfinnee, Fulbaana 12,2019 (FMC)- Ayyaanni Irreecha bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise. Gamtaan Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2019 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23, Irreechi Hora Harsadee ammoo Fulbaana 24,2019 kan kabajamu ta’uu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa duudhaafi aadaa isaa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/irreechi-bara-2019-fulbaana-23-fi-24-kabajama/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 10:28edited
Yaadama Ida’amuu – Bu’uura Olka’iinsa BiyyaaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Akka saayinsii siyaasaa fi dinagdeetti, Ida’amuun qabeenya, humna namaa, beekumsa, dhaabbilee fi carraa jiru walitti fiduun bu’aa waloo tokko uumuu dha. Ida’amuun “walitti dhufuu” ykn “tokkummaa” dha; kaayyoon isaa humnoota adda addaa walitti fiduun badhaadhina fi nageenyaaf hojjechuu dha. Yaadamni Ida’amuu kun qabeenya, beekumsa xabboo fi ammayyaa, carraawwan guddinaa akka…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/yaadama-idaamuu-buuura-olkaiinsa-biyyaa/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 10:27
Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadhaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadha jedhe Ministeerri Bishaaniifi Inarjii. Ministeerichi ibsa baaseen, ilaalchi gita bittaafi abjuun olaantummaa bishaanii Ijipt jaarraa 21ffaa keessatti iddoo kan hin qabne ta’uufi adeemsa boodatti hafaa akka ta’e ibseera. Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee qabeenya uumamaa ishee misoomsuufi fedhii dhaloota itti…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-abbaay-dabalatee-mirgi-qabeenya-uumamaa-ishee-misoomsuuf-qabdu-eegamaadha/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 08:29
Irreecha: waliigaltee biyyaalessaaf! Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Ayyaanni Irreechaa duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, calaqqee eenyummaa fi ulfoo guddaa uummata Oromooti. Mootummaan Naannoo Oromiyaas sirna jabaa kana guddisuuf haaromsa aadaa hojirra oolchaa jiruun aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa bakka isaaf malutti deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoos haala Kabaja…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/162834-2/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 08:18
Ayyaanota dirree guddina waaraa mirkaneessuu KeessattiFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kallattii misoomaa damdaneessa hordofaa kan jirtu Itiyoophiyaan damee tuurizimii jijjiirama dura xiyyeeffannoo gahaa hin argatin utubaalee guddinaa ishee keessaa tokko taasifachuun bu’aawwan mul’atan galmeessisuu dandeesseetti. Dameen tuurizimii guddina irra jiru kun walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu fi maqaa gaarii biyyattii beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kana malees, galmawwan misooma waaraa…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/ayyaanota-dirree-guddina-waaraa-mirkaneessuu-keessatti/


FMC Afaan Oromoo
22 Sept, 07:05
Damee Albuudaa: Utubaa Haaraa Diinagdee ItiyoophiyaaFinfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Mootummaan Ida’amuu guddina diinagdee biyyaalessaa saffisiisuuf utubaalee ijoo guddina diinagdee biyyaalessaa shan kaa’e keessaa dameen albuudaa isa tokko. Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaa qaqqaaliin badhaate taatus waggoottaniif gumaachi dameen kun diinagdee biyyaaf taasisaa ture baay’ee gadi aanaa ture. Mootummaan Ida’amuu hanqina kana furuuf damee albuudaa irratti fooyya’iinsa caaseffamaa gaggeessuun,…https://www.fanamc.com/afaanoromoo/damee-albuudaa-utubaa-haaraa-diinagdee-itiyoophiyaa/

Related Channels
Other channels in the same section of the catalogue.
