gram news
Etv Afaan Oromoo channel avatar

Etv Afaan Oromoo

@etvafaanoromoo1

@EBCNEWSNOW @etventertainment1 @ETVkidschannel @EBCWORLD1

ProjectsENNewsVerified by Telegram

44,935subscribers

Open the Channel

Latest posts

  • Etv Afaan Oromoo

    14 Nov, 09:52

    Itoophiyaan Ji’oota Sadan Darbanitti Humna Elektirikii Sa’aatii Giiggaa Waattii Kuma 7.5 Ol MaddisiifteHumna Elektirikii Itoophiyaa ji’oota sadan darban keessatti humna elektirikii Sa’aatii Giiggaa Waattii kuma 7 fi 567 ol oomishuu beeksiseera.Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanaatti humna elektirikii Sa’aatii Giiggaa Waattii kuma 7 fi 567.66 maddisiisuun kan danda’ame yoo ta’u, kanaanis karoora qabame keessaa dhibbeentaa 95.1 milkeessuun danda’amuu isaa ibseera.
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 14:19

    https://youtu.be/eXM5FCzgc0c
    YouTubeMagaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru”- ...Magaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru”- kantiibaa Adaanach Abeebee#etv #EBC #EtvAfaanOromoo
    1,93072Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 13:20

    “Gareen seeraan alaa ABUT’n garee Tsimdoo diinota biyya alaan hogganamutti makamuun biyya waraaneera” Fiild Maarshaal Birhaanuu JuulaaItaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu juulaan jiraattoota magaalaa Maqalee waliin mari’ataniiru.Maricharratti Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan gareen seeraan alaa ABUT’n garee Tsimdoo diinota biyya alaan hogganamutti makamuun biyya waraanuusaa ibsaniiru.
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 13:15

    “Lammiileen mana bitatanii Kaffaltii Suuta Suuta akka Kaffalaniif Haalli Mijeeffamaa Jira” Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa akka jiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) akka ibsanitti, manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 sadarkaa biyyaalessaatti ijaaruuf taasifamaa jiru keessatti, meeshaalee ijaarsaa biyya keessatti oomishuuf dandeettii oomishaa guddisu irratti xiyyeeffannoon bal'aan kennamee hojjetamaa jira.
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 11:43

    Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa Jiraattota Magaalaa Maqalee Waliin Mari’achaa JiruItaamajooriin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaan jiraattota Magaalaa Maqalee waliin haala waqtaawaa naannicha irratti mari’achaa jiru.Waltajjii marii kanarratti abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi dargaggoonni magaalichaa argamaniiru.
    1,60021Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 11:33

    Fitsum Asaffaa (PhD) itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii waliin mari’atanMinistirri Maallaqaa fi Qindeessituu Olaanaan Marii COP32 Fitsum Asaffaa (PhD) itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii (UNDP) Aleksaandar De Kiruu waliin marii gamlamee bu’a qabeessa ta’e tasisaniiru.Yaa’ii COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamu cinaatti marii taasifameen jijjiirama qilleensaa fi hojiilee misoomaa ilaalchisuun tumsa isaanii cimsuu haala dandeessisu irratti mari’ataniiru.
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 10:01

    “Magaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru”- kantiibaa Adaanach AbeebeeKantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Magaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru jedhan.Mootummaan Misraachoo Gubaatti labse keessaa waggoota shan keessatti manneen jireenyaa miliyoona 1.5 lammiileef ijaaree dabarsuuf waadaa gale gara gochaatti jijjiiruu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.
  • Etv Afaan Oromoo

    13 Nov, 10:01

    “Magaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru”- kantiibaa Adaanach AbeebeeKantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Magaalaa Finfinneetti iddoowwan ijaarsaa 21 irratti manneen jireenyaa kuma 100 ijaaramaa jiru jedhan.Mootummaan Misraachoo Gubaatti labse keessaa waggoota shan keessatti manneen jireenyaa miliyoona 1.5 lammiileef ijaaree dabarsuuf waadaa gale gara gochaatti jijjiiruu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 17:59

    Antooniyoo Guuteeres Afrikaan Mana Marii Nageenyaa ‘UN’ keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattu gaafatanBarreessaan Ol’aanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guuteeres, Yaa’ii Waliigalaa ‘UN’ irratti ergaa dabarsaniin, Afrikaan Mana Marii Nageenyaa keessatti yoo xiqqate teessoo dhaabbataa tokko akka argattu gaafatan.Afrikaan jaarraa 21ffaa keessatti Mana Marii Nageenyaa keessatti teessoo dhaabbataa dhabuun, dhimma haqa-maleessa fi sababa hin qabne ta'uu Guuteeres ibsaniiru.Kun jijjiiramuu akka qabus Guuterees cimsanii dubbataniiru.Caasaan mana marichaa haala yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa, wayita Afrikaan sirna bittaan qabamtee turte kan agarsiisu ta'uudhaan qeeqamaa tureera.
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 17:40

    Kitaabni seenaa Jireenyaa fi imala loltummaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeffate ’Dil Qursuu” jedhu eebbifameKitaabni seenaa jireenyaa fi imala loltummaa Shumii Itaamaajoor Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeeffate ‘Dil Qursuu’ jedhuun barreeffame eebbifameera.Kitabichi seenaa dhuunfaa qofa osoo hin taane, baadiyyaa Itoophiyaa irraa ka'uudhaan jireenya loltummaatti makamuu, akkasumas yeroo biyyi qormaata guddaa keessa turteetti hogganaa cimaa fi kutannoodhaan dhaabbate illaalchisee imala jireenyaa haala bilchina qabuun kan dhiheessedha.
    67522Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 17:27

    Gareen jila Itoophiyaa Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaaseetiin durfamu Yaa'ii Waliigalaa ‘UN’ 81ffaa irratti hirmaachaa jiraMata duree "Wal amantaa irra deebisanii gabbisuu fi jijjiirama haaraa sirnaan hogganuun; ‘UN’ hundaf hojjetu uumuu" jedhuun Ameerikaa, Niiwu Yoorkitti taa’amaa kan jiru Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 81ffaa irratti gareen jila ol’aanoo Itoophiyaa Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaaseetiin durfamu hirmaachaa jira.Miseensota jilichaa kana keessatti Ministiri Pilaanii fi Misoomaa Fitsum Asaffaa (PhD) fi Gorsaan Ministira Muummee Dhimmoota Baha Afrikaa obbo Geetaachoo Reddaa ni argamu.
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 16:56edited

    Ameerikaan Iraan waliin mari'achuuf qophii ta'uu beeksifteMinistirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Niiwu Yoorkitti taa’amu cinaatti hoggantoota Iraan waliin mari’achuuf qophii ta'uu ibsan."Ammatti wanti karoorfame waan jiru natti hin fakkaatu, haata'u malee marii akkanaa kanaaf dhugaadhumatti nuti qophiidha” jedhan Ruubiyoon.Kaayyoon guddaan Iraan meeshaa waraanaa Niiwukilaaraa hidhachuu hin akka dandeenye gochuu ta’uus ibsaniiru.
    73863Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 13:48

    https://youtu.be/3VCmeHormFU
    YouTubeQabeenya Uummamaa etv |Ebc |Etv Afaan Oromoo|HornOfAfrica |EthiopianPride |GERDItoophiyaan qabeenya uummamaa qabdu faayidaa lammiileef oolchuu itti fufti #oduu_afaan_oromo #EthiopiaSovereignty #Abbay #WaterPower #HornOfAfrica #EthiopianPride #GERD
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 13:28

    “Ayyaanni Irreechaa Fulbaana 23 fi 24, 2019 kabajama - Gamtaa Abbootii Gadaa OromooAyyaanni Irreechaa bara kanaa Fulbaana 23 fi 24, 2019 akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksiise.Haaluma kanaan Irreechi Hora Finfinnee, Fulbaana 23 Finfinneetti, Irreechi Hora Harsadee ammoo Fulbaana 24 Bishootuutti akka kabajamu ibsaniiru.Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa, jaalalaa, tokkummaa fi walitti dhufeenya ummataa ta’uun, aadaa fi duudhaa isaa eegee, haala olka'iinsa biyya keenyaa mul’isuun kabajamuu qaba jedhameera.
    1,16032Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 10:48

    Dhugaa Abbayyaa:- Rakkoo Bishaan mancaasuu, albaadhessummaa Ijiptii fi mirga misoomaa ItoophiyaaFalmiiwwan naannoo fi idil-addunyaa laga Abbayyaa irratti ka'an keessatti, Ijipti "Yaaddoo jiraachuun qaba" jettuu dhiheessitu fedhii ishee kan haqa-maleessa ta'e dhoksuufi.Ijipti bishaan lafa jalaa guddaa qabaattus, bishaan Abbayyaa hojii qonnaa bishaan hedduu barbaadan kan akka Mixaaxisaa, Shankooraa fi Ruuzii omishuun akkasumas Ashawaa irratti bishaan faffacaasuudhaan gammoojjii keessatti magaalaa fi bakka bashannanaa dhoqqee irraa ijaaruun hojiiwwan faayidaa hin qabneef qisaasessiti.Biyyoonni yaa’a gara gadii ammoo bishaan dhugaatii akka hin argannee fi Kuduraa kanneen akka Raafuufaallee akka hin omishne gooti.
    1,240321Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 09:45

    Galaanni Diimaan Itoophiyaa maaliif barbaada?Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itoophiyaan yeroodha gara yerootti kaastu faayidaa dinagdee biyya tokkoo qofaaf osoo hin taane, guddina waaraa fi daldala addunyaatiif bu'uura.Gaaffii baramaa "Itoophiyaan Galaana Diimaa maaliif barbaaddi?" jedhu qofa utuu hin taane, "Galaanni Diimaan Itoophiyaa maaliif barbaada?" jedhanii gaaffachuu fuuldura naannichaa sakatta'uuf murteessaadha.Galaanni Diimaan sababoota ijoo armaan gadiitiif Itoophiyaa barbaada;
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 08:56edited

    "Torbeen Tuuriizimii Oromiyaa Fulbaana 19-21, 2019 kabajama" - Komishiniin Tuuriizimii OromiyaaTorbeen Tuuriizimii Oromiyaa marsaa 6ffaan Fulbaana 19-21, 2019 sagantaa adda addaatiin kan kabajamu ta'uu, Komishiiniin Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.Torbee Tuuriizimii Oromiyaa bara kanaa kabajamuuf qophiin xumuramuu, Komishinarri Itti Aanaa Komishiinichaa obbo Nagaa Wadaajoo beeksisan.Misooma tuuriizimii riifoormiidhaan xiyyeeffannoo argateen, qabeenya Oromiyaa beeksisuu, agarsiisa qopheessuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi invaastaroota affeeruun bu'aa gaggaariin argamuusaa ibsaniiru.
    1,36031Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 07:47

    ‘UN’ yeroo qormu:- Waamicha siyaasaa, ol’aantummaa dandeettii raawwachuu fi barbaadamummaa idil-addunyaa boqonnaa haaraa ItoophiyaaYaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 81ffaa irratti barreessaan ol’aanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guuterees akka beeksisanitti, waldhabdee Ji'oopolatikaa gurguddoota addunyaatiin Mana Marii Nageenyaa ‘UN’ hojii ala ta'aera.Mana Marii Nageenyaa ‘UN’ keessatti teessoon dhaabbataa lamaa fi yeroo shan Afrikaaf akka kennamu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) waamicha dhiheessaniiru.Dabalataanis, Miidiyaa Idil-addunyaa Gamtaa Afrikaa (AU Continental Media House) akka hundaahu gaafataniiru.
    1,34021Open in Telegram
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 06:50

    Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee Pirezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istab waliin mari'atanPirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee, gita isaanii Pirezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istab waliin dhimmoota gam-lamee, naannoo fi dam-daneessaa (multilateral) waliinii irratti marii bu'aa aabeessa mari’ataniiru.Pirezidaanti Taayyeen akka ibsanitti, walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuu fi fedhii waliinii, dhimmoota naannoo akkasumas dam-daneessaa irratti walta'iinsa jiru itti fufuuf waliigaluusaanii beeksisaniiru.
  • Etv Afaan Oromoo

    22 Sept, 06:37

    Waliigaltee Hawaasummaa Haaraa:- Ol’aantummaa dandeettii raawwachuu Itoophiyaa fi barbaachisummaa dhaabbileeWalii galteen hawaasummaa mootummaa fi uummata gidduutti taasifamu duudhaalee waliinii, ol’aantummaa seeraa fi amantaa irratti kan hundaahudha. Uummanni Itoophiyaa miiliyoona 54 ol ta’u galmaahee karaa dimokiraasiitiin mootummaa filachuun biyyattii gara boqonnaa seenaa haaraatti ceesiseera. Sirna dimokiraasii keessatti maddi aangoo mootummaa uummata yoo ta’u, amantaan kenname dandeettii raawwachiisummaa ol’aanaatiin bu’aa argamsiisuu isaa mirkaneessa.
    1,420221Open in Telegram
Download the series as CSV
A feedback bot for your channel — free

Followers write to the bot, you answer by reply, your account stays hidden. Created in one tap.

How it works →
Create the bot