gram news
F/taa Qananiisaa Dabalee Official channel avatar

F/taa Qananiisaa Dabalee Official

@qananiisaa1

Kun Chaanaalii F/taa Qananiisaa Dabaleeti

ProjectsENReligion

5,980subscribers

Open the Channel

Latest posts

  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    13 Sept, 18:04

    "Yaa Addaam Hojii Kee Nyaadhu. Yaa Hewaan Hojii Kee Nuaadhu"Akkasi👇 Guyyaa tokko sooressa maasii bal'aa qabu tokkotu hojjettoota guyyaa jechuun oolmaa Qarshii xiqqoodhaan hojjechiifata ture.Osuma kanaan jiruu yeroo ta'e wayii maasii isaa irra adeemee utuu hojjettoota isaa too'atuu Inni tokko dafqa lubbuu xuruurfachaa hiddi mataa isaa ka'e akkas jechuus eegale "Yaa Hewaan hojii ke nyaadhu, yaa Addaam hojii ke nyaadhu" jechaa irra deddeebi'ee abaaraa hojjeta ture. Abbaan maasii ittuma siqee "Maaliif maqaa jara kanaa abaarta?" jedhee gaafate.Akkas jedhee deebiseef;- "Utuu isaan abboommii hin cabsinee silaa nuuti dafqa hin cophsinu tureem" jedhee boo'e.Abbaan maasii gaddeefii harka isaa qabee akkas jedhee itti dubbate "Ati guyyaa har'aa kanaa kaaftee akkasumatti utuu hin dadhabiin teessee mana kootii nyaatta jedhee gara mana jireenyaa ofii isaatti fudhatee gale.Erga nyaachisee
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    10 Sept, 16:24

    Ayyaana Gaarii🙏 @Qananiisaa1 @Walaloo0 @Faaruu_fi_Barumsa_Ortodoksii
    Image from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee OfficialImage from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee Official
    48543Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    8 Sept, 16:45

    Gara Fuula Youtube Hordoftoota 1k jechuun 1000 geenyee jirra Tumsa Nuuf Gootaniif Galatoomaa🙏 Mana Tewaahidoo Tube
    Image from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee OfficialImage from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee Official
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    4 Sept, 12:16

    "Ni Ceessifna Malee Hin Ceenu"Lallabaa cimaa kan sa'e tokkotu ture. Innis yeroo hunda Mana Kiristiyaanaatti argamuun yeroo hunda ni lallaba. Uummannis guyyuma guyyaan dhaqanii lallaba isaa kanaan cabanii gara Mana Kiristiyaanaatti deebi'u turan.Gaafa tokko garuu Namni karaa dheeraa deemee dhufu tokko achi keessa ture. Innis kan deemu karaan fagoo ta'ee osoo hin taane mana Mana Kiristiyaanaa fi mana isaanii gidduu galaana riqicha hin qabne tokkotu ture. Namichi kunis galaana san ce'uuf jechuun karaa riqichi jiru argachuuf deemaa oolee dhaqee lallaba kana dhaggeeffata ture.Gaafa tokko garuu Lallabaan Mana Kiristiyaanaa kun lallaba waa'ee amantaa barsiisee ture. Lallaba san keessaa "namni amantii hamma ija xaafii qabu Waaqayyorratti qabaate tulluu kanaa ka'ii deemi osoo jedhee ni deema, galaanaan hirami osoo jedhee ni hirama, galaana gubbaa osoo deemee galaanni isa hin liqimsu,
    882153Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    2 Sept, 12:48

    @Diraamaa_Afuuraa 👆kunoo diraamaan kutaa afuriin dhumu sun xumurameera seenaa dubbisaa hiriyoota keessaniifis qoodaa.
    79775Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    30 Aug, 18:46edited

    Wow haala adda ta'een Diraamaa Afuuraa fi Asoosamni Afuuraa Gaggabaabaan Barreeffamaan Eegaleera Maarree Kunoo Chaanaaliicha Itti Makamaa👇 https://t.me/c/3945835523/3
    897115Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    28 Aug, 16:50

    "Garaa Koon Kutadha"Gaafa tokko namicha baay're hamaa ta'e wayiitu gara mana amantaa dhaqa. Innis jireenyu isaa gara mana amantaa dhaquun dura baay'ee jibbisiisaa fi hojiin isaa ammoo sagaagaluu, nama saamuu, nama ajjeesuu fi kkf ture.Garuu gaafa tokko callisee dallaa mana Kiristiyaanaa jala osoo taa'uu lallabni mana amantaa keessaa baay'ee laphee isa booji'a. Gaafa kanas ol seenee dhaggeeffachuu eegala. Innis erga dhaggeeffatee xumureen booda, lallabaan sun xumurarra waa'ee jireenya gaabbii, akkasumas Foonif Dhiiga Gooftaa namni hin fudhanne akka mootummaa isaa hin galle fubbatee, guyyaa duunu akka hin beeknee fi erga duunee booda jireenyi akka jiru dubbatee yeroo xumuru; namichi alaa lallabni laphee isa hatee seene kunis gara manaatti deebi'ee murtoo dhumaa murteeffate. Murteen isaas akkas kan jedhu ture "Garaa Koon Kutadha"Gaafa kana akka gara lubaa deemus hubatee, deemufis
    1,1602633Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    27 Aug, 09:00

    Gallakkifameera Kunoo Buufadhaa Ittiin Eebbifamaa. Share Subscribe Like Gochuunis Tajaajila Keenyas Nuuf Cimsaa 👇 https://youtu.be/5afdkBpL1sc?si=XPgNWFXKtZvFGKfc
    YouTubeAmantii Dhugaa, F/taa Qananiisaa Dabalee, Faaruu Haaraa Ortodoksii Tewaahidoo, Afaan Oromoo 2026Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
    10,500123Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    26 Aug, 18:00

    Haaraa Hojjechuuf Baasiin Nuuf Guutuu Baatus Isuma Duraa Sponsor Arganneetoo Viidiyoodhaan Fidaa Jirra Mee Simannaan Keessan Akkami?
    Image from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee OfficialImage from a post by F/taa Qananiisaa Dabalee Official
    956142Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    24 Aug, 18:06

    Mucaa Naafif jedhamu tokkotu ture. Gaafa tokko mucaan baay'ee isatti dhiyaattu tokko gara isaa dhaqxee akkana jettiin "hiriyaan kee waan gaarii hin goone, waan isarraa hin eegamne raawwate. osoo dhageessee ajab! Jetta" jetteen. Innis "maal na galcheree?" Jechuudhaan deebisaaf. Isheenis baay'ee isa caqaccaquurraan kan ka'e "maaloo xiqquma na dhaggeeffadhu sana booda wanti inni godhe maal akka ta'e hin argita" jechuun irra deebitee gaafatti.Innis baay'ee waan itti deddeebiteef akkana jedheen "natti himta garuu sana dura gaaffii sadin si gaafadha isarratti yoo walii galle natti himta jedheen ". Isheenis " tole" jettiin. Isa:- waa'ee hiriyaa koo wanti ati natti himtu kun dhugummaan isaa kan beekamedhaa? Ishee:- lakki Isa:- kan natti himtu kun waa'ee gaarummaa isaatii? Ishee :- lakki Isa:- wanti natti himtu kun na fayyadaa? Ishee:- lakki Innis dhumarratti deebisee "wanti dhugummaan isaa
    1,100245Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    23 Aug, 18:39

    Fakkeenyiif Seenaan Gaggabaabduun Bifa Barumsaan Isiniif Darbaa Jiru Kun Isinitti Toleeraa?Yaadni Keessan Nu Barbaachisa
    1,0401714Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    16 Aug, 17:56

    🛑Tajaajilaa Sagaagalaa......Yeroo tokko yaa'ii guddaatu ture kan nama ajaayibu ammoo barsiisonni hunduu barsiisaa turaniitu yaa'ii guyyaa dhumaarratti kan taraan isa hin geenye barsiisaa tokko qofatu hafe ture.Kan nama ajaayibu ammoo barsiisaan kun hin barsiisa malee yeroo kaan hin sagaagala ture. Uummanni hundinuus gocha isaa kana hin beeku turani. Tajaajiltoonni isa faana turan hundinus hin beeku turani garuu ammoo hundumaa taraan isaan gahee ture waan ta'eef barsiisaa kanaaf kennuu dirqamani. Haa ta'u malee gocha isaa kana waan beekaniif waan godhan dhabani.Dhumarrattis haa barsiisu uummanni ofiinuu silaa hojii isaa hin beeku waan ta'eef hin dhaggeeffatani jechuun sagantaa kennaniif.Innis sagantaatti bahuun nagaa gaafatee gara barumsaatti gaafa seenu, uummanni hundumtuu waahee barumsa isaa osoo hin taane waahee cubbuu isaa waliin walitti odeessuu eegalan, fuulduruma isaa
    1,600269332Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    14 Aug, 03:06

    Yeroo tokko Monoksee namarraa adda bahee yoo xiqqaate waggoota 40 ol Waaqa wajjin jiraatetu ture.Monokseen kun kan jiraatus muka gubbaarra ture. Mukti sun waggoota hamma sanii isa baachuu keessa dabartee lafarraa baay'ee ol isa fageessiteera.👉 Monokseen kun Qulqullummaa keessa darbee samiin banamtee waan samii keessa jiru hunda ilaaluu keessa darbee lubbuuwwan gannata galanii fi si'oolii galanillee ilaalaa oola ture.Haa ta'uutii gaafa tokko garuu muka monokseen kun irra taa'ee waggoota 40 oliif Waaqayyo wajjin dubbachaa ture kana jala saamtuun (shiftaan) tokko dhufuun meeshaa isaa lafa kaawwatee waa saamaa ture qarshii hanga warqeetti gadi guuruun osoo lakkaa'uu, monokseen sun gaafa Waaqa faana dubbatu sagalee monoksichaa dhaga'uun ol ilaalee " namicha maal asirraa goota? " jechuun gaafate. 👉Monokseen sunis deebisuun "Waaqa na uume faanan dubbachaa jira." Jedhaan. 👉saamtuu ichis
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    12 Aug, 13:19

    "Faanni tokko hin turre... Harka Waaqayyotu ture!" Namichi tokko Waaqayyoon baay'ee jaallata ture. Jireenya isaa guutuu isaaf of kennee, karaa isaa irra deema ture. Ganama ka'ee hanga galgalaatti, waan hundumaa keessatti Waaqayyoon dursee ilaala; jireenyi isaas nagaa fi gammachuudhaan guutame ture. Guyyaa tokko garuu qorumsi guddaan isa mudate. Rakkoon walitti aansee dhufe. Humni isaa ni dhume; onneen isaa ni cabe; abdii isaas ni kutate. Yeroo sana of duuba ilaale. Dur yeroo hunda faana miilaa lama argaa ture. Amma garuu faana tokko qofa arge. Lafa onaa keessa taa'ee imimmaan dhangalaasaa akkana jedhe: "Yaa Gooftaa! Ani yeroo hundumaa si amanadheen si duukaa bu'e. Amma garuu yeroo ani caalaatti si barbaadu kana na dhiiftee deemte. Ati illee akka namoota kaanii na gatte!" Bo'ee, komatee, qalbiin isaa cabee ture. Yeroo sana sagaleen tasgabbaa'aan gara isaa dhufe. 👉 Waaqayyo akkas jedhe: "
    1,250151Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    11 Aug, 05:37

    Yeroo tokko Harreen tokkoo fi sareen tokko waliin imala jalqaban. Lamaan isaanii baay’ee beela’anii waan turaniif, humna dhabuun suuta suutaan deemaa turan. Booda bakka margi lalisaa fi magariisaan guutame tokko ga’an. Harreen sun gammachuudhaan marga nyaachuu jalqabe. Yeroo muraasa keessatti humni isaa deebi’e. Galgala ga’utti garuu hanga garaan isaa dho’uuf jedhuutti quufee nyaate. Sana booda sareen akkana jedhe: “Yaa saree, yeroo tokko qofa haa iyyaa!” Sareen rifatee: “Maaloo callisii taa’i! Sagalee keenya dhaga’ee waraabessi dhufee nu nyaata!” jedheen. Harreen garuu quufaan mataa isaa dhabe. Gorsa saree isaa hin dhaggeeffanne. Lafa irratti gangalatee humna guutuudhaan iyye. Sareen irra deddeebi’ee akka callisu gaafatus, harreen hin dhaggeeffanne. Xiqqoo turanii… 🐺 Waraabessi sagalee isaa dhaga’ee battalumatti dhufe. Harrees qabee lafaan dha’e. Sana booda sareetti: “Mee harree kana
    1,350174Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    5 Aug, 16:01

    Barumsa Viidiyoodhaan Guutuu Isaa Kunoo Irraa Baradhaa.Kabaja Eegamootaa Macaafa Qulqulluu Keessaa B/saa F/taa Dn Asheetuu Waaqjiraatiin(Dr)Miidiyaa Keenyaaf Haaraa Warreen Taatan SUBSCRIBE gochuun itti makamaa tajaajila hedduu keessaa argattu. 👇 https://youtu.be/cDniuQfHE28?si=hubHrmN-RM6WQFFH
    YouTubeKabaja Ergamootaa Kutaa 1ffaa, B/saa F/taa Dn Asheetuu Waaqjiraatiin, Barumsa Ortodoksii TewaahidooEnjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
    3,59073Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    18 Jul, 08:35

    forwarded from @pabloviptip

    Amantiin Ortodoksii Tewaahidoo Fi Aadaan Uummata Oromoo Wal Faallessaa?Gaaffii yeroo baay'ee ka'aa tureef turtii B/saa Dr Dn Asheetuu Waaqjiraa Waliin Gooneen Deebii itti laatame Daawwadhaa irraa baradhaa.#like #share #Subscribe gochuun tajaajila keenya nuuf cimsaa👇https://youtu.be/NPtgrRL1Uds?si=hOJwqZSu0ftsz_60
    YouTubeAmantii Ortodoksii Tewaahidoo Fi Aadaan Uummata Oromoo Wal Faallessaa?, Turtii B/saa Waliin GooneEnjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    16 Jul, 02:28

    Harreen tokko ashaboo baattee utuu deemtuu... baay'ee waan isheetti ulfaateef gara lagaatti gortee bishaan keessa ciiste.Ashaaboon isheetti ulfaachaa ture bishaaniin maamma'ee (blbulamee) dugda isheerraa dhume. Achii kaatee burraaqaa adeemsashee itti fufte....Gammachuun guutamtee utuu utaalaa deemtuu harreen jirbii baattu tokko baay'ee dadhabdee isheetti dhufte.Ariifattee itti gortee akkas jette "maaloo haadhoo ko atoo akkasitti nama hin taatu🙄 anis akkuma kee baay'ee dadhabeen bishaan sana keessatti ba'aa koo gatee ba'e, atis deemii bishaan sana keessa ciisi ba'aan kee sirra ka'a" jetteen.Harreen sunis baay'ee ishee galateeffachaa jirbiishee baattee deemtee bishaan keessa ciiste😁Ba'aanshee ittuu baay'ee isheetti ulfaate🤔 Amma narraa ka'a jettee eegdi ittuu baay'ee isheetti ulfaate. Olan ka'a jettee yaaltus ka'uu mitiitii boquushee ol qabachuu hin dandeenye...Achumatti
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    3 Jun, 16:18

    Nageenyi Waaqayyoo isiniif haa baay'atu jechaa baay'een keessan live Stream barachuu akka barbaaddan warreen gaafachaa turtaniif sa'atii meeqaa hanga meeqaa akka isiniif mijatu comment barreessaa mee.
    2,320199Open in Telegram
  • F/taa Qananiisaa Dabalee Official

    17 May, 15:45

    Chaanaaliiwwanii fi group wwan keenyarratti akka tajaajilamaa jirtan abdiin qaba. Mee har'a ammoo ani gama koon waan tokkon isin rakkisa birrii naaf buusaa isiniin hin jedhu dhaqaatuma youtube koo isan irratti walaloo, faaruu fi barumsaan isin tajaajilaa tajaajilamaa jiru kana SUBSCRIBE naaf godhaa. Asumaan faaruu link kanaa gadiitiinis eebifamaa. Ulfaadhaa. Galatoomaa🙏 👇 https://youtu.be/PA53U8Umw6E?si=odsdWpiIOqhbt-jp
    YouTubeAmantiidhaan, F/taa Qananiisaa Dabalee, Faaruu Ortodoksii Tewaahidoo haaraa, 2024Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
    2,280112Open in Telegram