gram news
Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo channel avatar

Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

@walaloo0

Chaanaalii kanarratti Yeroo hunda Walaloo Seera Mana Amantaa Ortodoksii Doogmaa fi Qannoonaa eeggatetu F/taa Qananiisaa Dabaleen barraa'ee isiniif darba. Gaaffiif 👉 http://t.me/DeebiiOrtodoksii_Bot

ProjectsENReligion

7,540subscribers

Open the Channel

Latest posts

  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    21 Sept, 19:00

    Pdf Faaruu Masqalaaf👉 Walaloo MasqalaaBarreeffamaan As Keessatti Yoo Barbaaddan Ammoo👇Kutaa 1ffaaKutaa 2ffaaKutaa 3ffaaKutaa 4ffaaKaraa Bot isin geessa chaanaalii isiniif fide join erga gootanii booda argachuu dandeessu.
    5281553Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    18 Sept, 19:35

    📽️->504kb 📖->9-page 📙-->4-poem 🧾->1 ✒️F/taa Qananiisaa Dabalee 📎 @Walaloo0React❤️🥰👍 & share gochuun gahee keessan bahadhaa🙏Namoota group keessatti add gochuun walaloo gaafattanis argachuu dandeessu.
    1,090file205Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    14 Sept, 17:47

    Walaloon Masqalaa Bifa Pdf Moo Akkuma Duraatti Isiniif Haa Gallakkifamu?
    1,7304932Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    13 Sept, 17:59

    Faaruu Haaraa "Waaqni Koo Dhagahe Boo'icha Koo Kanan itti himadhe rakkina koo Kunoo naaf dhagahe kadhannaa koo Isatu naaf birmate gaafa rakkoo"Jedhu Faaruu baay'ee laphee namaa hatu obboleessi keenya F/taa Firaa'ol Nuuf fidee jira. Maarree nuutis seennee video ilaalaa faaruu kanaan haa eebbifamnuun hawwii koo🙏 affeeramtaniittu👇 Miidiyaa keenyas "SUBSCRIBE" gochuun itti makamaa🙏 👇 https://youtu.be/dW6OlVt2qx0
    YouTubeWaaqni Koo, F/taa Firaa'ol Ayyaanoo, Faaruu Haaraa Adaan Oromoo Ortodoksii Tewaahidoo 2019/2026Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    10 Sept, 16:23

    Ayyaana Gaarii🙏 @Walaloo0 @Qananiisaa1 @Faaruu_fi_Barumsa_Ortodoksii
    Image from a post by Walaloo Ortodoksii TewaahidooImage from a post by Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    8 Sept, 16:44

    Gara Fuula Youtube Hordoftoota 1k jechuun 1000 geenyee jirra Tumsa Nuuf Gootaniif Galatoomaa🙏 Mana Tewaahidoo Tube
    Image from a post by Walaloo Ortodoksii TewaahidooImage from a post by Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo
    2,530191Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    8 Sept, 16:20

    Qophaa'ikaa Yaa Namaa Walaloo bara haaraa kutaa 3ffaadha kunQophaayikaa yaa namaa abdii haaraadhaanii Simachuudhaaf ka'ii bara Luqaasinii Kan darbe dhiisiitii ayyaana haaraanii Bara haaraa kanaa ka'ii simadhuuniiAkkum jijjiirratte uffata qaama kee Akkum mimmiiccatte yoo dhabdes moofaa kee Akkum dhidhiqatte saamunaan qaama kee Akka qortee tolfatte qeensaaf rifeensa keeIrri yoo bareedee keessi xuroofnaanii Nama dafqisiisa ni badas gubbaanii Alli akka bareeduuf bareeda keessas tolchuun Ana maal na dhibee bar sumaaf jedheetanMee ka'een si gaaffa dhiqattee keessa kee? Kan baatteetoo dhufte buufattee ba'aa kee?
    2,50024102Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    7 Sept, 18:14

    Qulqulluu Rufaa'eelAngafa Ergamootaa Manaabirt keessaa Abbaa dhiphattootaa gargaaraa hiyyeessaa Qulqulluu Rufaa'eel akkuma maqaa kee Hundumayyuu caalaa adda gargaarsikeeKamirraa eegaluu kamirraas jalqabuu Raajii kee hunda keessaa siif mata-duree haa dhabuu Garuu wal na harkaa dhahe baay'eedha raajiin kee Kan himamee hin dhumne hedduu gargaarsikeeHiikaan maqaa keetii Waaqayyo Qoricha Akkum maqaa keetii hojiin keetis dachaa Mee raajii kee har'aa ka'eetan eegala Himeesoo hin fixu xiqquma isaa ilaallaGaruu ani maalin hima homaasoo hin beeku Xoobit haa dubbatu kan waa'ee kee beeku Xoobiyaanis haa dubbattuu kan siin gargaaramtee
    2,4403311Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    3 Sept, 18:14

    Walaloo As Keessatti Osoo Hin Barraa'iin Hafe Yoo Jiraate Nu Yaadachiisaa
    3,0702097Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    3 Sept, 18:14

    Walaloo Ajajattan Hunda Isin Biraan Geenyee Jirra Waan Ta'eef Chaanaalii Keenya Keessa Ol Deemaatii Kan Barbaaddan Qo'adhaa.
    3,0902543Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    2 Sept, 08:44

    Mee amanamummaadhaan group fi hiriyoota qabdan hundaaf share godhaa👇Join & Share, 🥰❤️👍react gochuun ammoo egaa gahee keessani👇 @Walaloo0 @Qananiisaa1
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    2 Sept, 08:44

    Bara Haaraatti Abdii HaaraaBara haaraa abdii haaraa Bara haaraa bara araaraa Baga gammaddani Bara haaraa argitaniiEgaa nama koo inni rakkoon sun Darbe kaatetoo aangoodhuma isaan Dhufee bari'ee barri inni haaraan Barri Luqaasii abdiif ayyaanaanNutti ulfaateetoo hin darbu kan jennee Yaaduma keenyaanii abdiillee kutannee Kunoo darbee jira barri dhiphuu sunii Akka keenyaan miti Arjummaa isaaniQophooftanii hunduu? simachuuf bara haaraa Kan bara isa kanaa jijjiiruun karooraa Bara haaraatti ayyaana haaraanii
    3,6505286Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    1 Sept, 18:12

    Walaloo Bara Haaraaf Barraa'an Keessaa Kan Kanaa Olii "Baranaaf Narra Darbi" Kan Jedhu Kun Isa Tokkodha.Ammas Haaraan Barraa'aat Jira Waan Turreef Dhiifama Jechaa Yeroon Na Hanqatee Jechuun Busy Ta'ee Akkan Ta'e Akka Naaf Hubattanan Barbaada.Diraamaas Barreessaat Jirra Kanaafi @Diraamaa_Afuuraa
    2,56023113Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    31 Aug, 18:18

    Baranaaf Narra darbiBaruma Baraanii Firii osoo hin buusiin akkan gogee hafee Foon qofaan socho'aa lubbuu kootin rafee Dhiqachuu dadhabee xurii bara dheeraa Afaan qofan ta'ee gochaanoo laaferaaBeeka yaa Gooftaa Firiidhaaf yoo dhuftuu akkan si deddeebisee Gogee akkan hafee Qoree akkan biqilchee firii Gaarii dhiisee Wanti ati naaf hin goonee Wanti ati naaf hin taane hin jiru Garuu kuni hunduu na sirreessuu didee Addunyaarraa na hiruuBeeka ni beekta atis Sagantaa qabadhee akkan hin kabajnee Yeroo hedduu karoorsee akkan hin raawwanne Barana akkuman jedhee bara darbe yeroo kanaa Dhufe barri haaraan darbee kan yeroo sanaaFirii kan hin buusnee anarra facaasutti harki kee dadhaban Kanaanuu gahuu didee har'as jira kunoo cubbuu koo walumaan Jecha kee bishaan san ana dhagaa kana ati narra facaastee
    3,140271Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    31 Aug, 11:03

    Fakkeenyummaa Dhugaa (Kan Kiristoos Saamraa )Fakkeenyummaa dhugaa kan sirraa baranne Manaaf mala ofii dhiisuu kan sirraa hubannee Goota addaati ati dhugumatti addaa Lafaaf samiirratti seenaa guddaa qabdaNu warra har'a jirruuf fakkeenya kan taate Waaqayyoon waammattee ajaayiba hojjettee Du'aas du'aa kaastee maqaa isaatiin dhaabdee Ka'umsa keenyaafis nuuf taatera hundeeIjoollee koo osoo hin jedhiin Abbaa manaa kootis Gadaamatti galte ta'uun kan Kiristoos Hedduu keenyaaf taatee nu warra har'aaf fakkeenya Si ilaallee akka deemnuuf nuuti hundi keenyaaAddunyaallee dhiistee simboo kees tuffattee Mootummaan ajaayibsiifamuu hundumasaa dhiiftee
    2,8302832Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    30 Aug, 18:44

    Haala namatti toluun diraamaan afuuraa fi Asoosamni afuuraa lachanuu barreeffamaan eegalee jura maarree seenaa nuuf jajjabeessaa ittis makamaa👇https://t.me/c/3945835523/3
    2,4001912Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    30 Aug, 06:01edited

    Baga Guyyaa Yaadannoo Guyyaa Boqonnaa Abbaa Keenya Aabune Taklahaymaanot Nagaan Isin Gahe; Nagaan Nu Gahe.Eebbi Abbaa Keenyaa Nurra Haa Bulu🙏
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    29 Aug, 08:52

    Qulqulluu Rufaa'eelAngafa Ergamootaa Manaabirt keessaa Abbaa dhiphattootaa gargaaraa hiyyeessaa Qulqulluu Rufaa'eel akkuma maqaa kee Hundumayyuu caalaa adda gargaarsikeeKamirraa eegaluu kamirraas jalqabuu Raajii kee hunda keessaa siif mata-duree haa dhabuu Garuu wal na harkaa dhahe baay'eedha raajiin kee Kan himamee hin dhumne hedduu gargaarsikeeHiikaan maqaa keetii Waaqayyo Qoricha Akkum maqaa keetii hojiin keetis dachaa Mee raajii kee har'aa ka'eetan eegala Himeesoo hin fixu xiqquma isaa ilaallaGaruu ani maalin hima homaasoo hin beeku Xoobit haa dubbatu kan waa'ee kee beeku Xoobiyaanis haa dubbattuu kan siin gargaaramtee
    3,0502581Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    28 Aug, 18:29

    Walaloo 👇 👉Angafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'el 👉Walaloo Kiristoos Simraa 👉Walaloo Bara HaaraaTartiibaan Suuta Suuta Isiniif Fidaa Jirra Ammallee Obsaan Eeggadhaa🙏
    2,60020102Open in Telegram
  • Walaloo Ortodoksii Tewaahidoo

    28 Aug, 05:54

    Anoo barreessuu hin dadhabne isini React👍 Gochuu Maalif Dadhabduu Garuu?
    2,82036761Open in Telegram